Skip Navigation Links    
     





 

 
hirmannaa barnoota dubartoota hojirra olchuuf sochii taasifamu keessatti hayyoonni dubartoota adda durummaan gahae isaanii bahuu akka qaban waamicha dhiyaate

Monday, February 08, 2010

 
     
   

finfinnee guraandhala 1/2002(raadiyoo faanaa) hirmannaa barnoota dubartoota hojirra olchuuf sochii taasifamu keessatti hayyoonni dubartoota adda durummaan gahae isaanii bahuu akka qaban di'eetan ministera dhimma dubartoota waamicha dhiheesse.

Waltajji guyya lamaaf turu minstera dhimma dubartootatin kan qophaahe mariin barsiisota dubartoota adda duree tahan kolejji sivil sarvisitti adeemsifama jira.

Minsteer Di'eetan dhimma dubartootaa addee Fireenashi Makuriyaa mariicharratti akka himanitti,barattootin shamarranii sadarkaa olaanarra akka gahan sochii cimaa taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Keessattu ammu adeemsa baruufi barsiisuu keessatti wantoota gufuu tahan adda baasuun barsiisoota shamarranii adda duree tahan horachuun akka barbaachisuu hubachiisaniiru.

Addee Fireenashi akka jedhanitti hirmaannafi fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuuf sochii taasifamu keessatti barsiisota adda dureerra gumaacaha heddutu eegama jedhan.

 

Barattoota shamarran gara mana barnootaa galanis daraan dabaluun socii cimaan akka barbaachisuus minister di'eetittin dubbataniru.

qulqullina barnoota mirkaneessuyfi sochilee hanga ammatti jalqabaman gara kuteenyan gara hojitti hiikuun guddina biyya keenyaattif humna omishaa horachuu akka tahee addee Fireenashi kan himan.

Barsisoota dubartoota adda duree bakka bu'an horachuf , qulqullina barnoota mirkaneessuf, paakejii jijirama misooma dubartoota hojira olchuuf adda durumman dubartoonni akka hojatan dubbi isaniratti eeraniiru.

waltajji mariicharratis barreffamni hirmanna barattoota shamarrani barnootarrati dabaluu,fi gahee baesiisota dubartoota jedhu dhihaachuun irratti mar'atameera.

ministera barnootati abba adeemsa hojii dhimoolee korniyaa